Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaa aanaa Manchootti roobaa cimaa kaleessa galgalaa roobeen lafti sigiigachuun miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC)- Godina Jimmaa aanaa Manchootti roobaa cimaa kaleessa galgalaa roobeen laftii sigiigaachuun lubbuu namaa fi qabeenyaarra miidhaan qaqqabuu waajjirri sodaa balaa aanichaa beeksiiseera.

Aanaa Manchootti laftii sigiigaachuun lubbuun nama tokko darbuu fi qabeenyarrattis balaan qaqqabuusaa ibsameera.

Haalli taa’umsa lafichaa bu’aa ba’ii hedduu kan qabu yoo ta’uu, laftii mandara tokkoo diddigamuun gara lafa dakeetti jijjiramuusaa itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Mahammadsaanii Abbaa Raayyaa FBCtti himaniiru.

Yeroo ammaa kana namoota miidhamaniif deeggarsi taasifaamaa jiraachuu ibsuun, namootni naannicharraa fagaatanii akka jiraataniif deeggarsi barbaachisaa taasifamaa jiraachuus himaniiru.

Haalli roobaa yeroo ammaa jiru ji’oota dhufanis kan itti fufuu ta’uu raagni meetrolojii biyyooleessaa kan ibsu yoo ta’u of eeggannoo cimsuunis barbaachiisaadhaa ibsameera.

Abdurramaan Mahaamadtu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.