Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Lixaatti hospitallii fi daandiin cirrachaa eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2013 (FBC)- Godina Harargee Lixaa Aanaa Horsiisee Bulaa Burqaa Dhintuutti Hospitaalli fi dandiin cirrachaa eebbifameera.
Sirna eebbicharratti Jilli itti aantuu Preezdaantii fi Qindeessituu Kilaastara Magaalota naannoo Oromiyaaa, Aadde Caaltuu Saaniin durfamu dabalatee hoggantoonni fi jiraattoonni godinicha argamaniiru.
Proojektoonni kunneen baasii Birrii miiliyoona 35.3 oliin ijaarramaan jedhameera.
Sirna eebbichaarrtti haasaa kan taasisaan aadde Caaltuun, Mootummaan imala waggoota darbanii keessatti taasiseen injiffannoowwan gurguddaa galmeessuun fayyadamummaa ummata mirkaneessaa jira jedhaniiru.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa kana caalaa jiruu fi jireenya ummataa fooyyeessuuf yeroo itti aananitti proojektiiwwan gurguddaa hojjechuun fayyadamummaa ummataa mirkanessuuf ciminaan ni hojjeta jechuusaanii ragan waajjira dhimmoota kominikeeshinii mootummaa godina Harargee Lixaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.