Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Lixaatti duulli talaallii beeyladoota Miiliyoona 4’f kennamuu eegale

Finfinnee, Eebla 9 ,2015 (FBC)- Duulli beeyladoota Miiliyoona 4 talaalchisuu godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eessootti kennamuu eegaleera.

Duulli Talaalilli maxxantuu qaama alaa Hoolaa fi Re’ee kun aanaalee horsiisee bulaa Godina Harargee Lixaa afur keessatti kan kennamu ta’uu ibsameera.

Talaallichi qulqullina kal’ee eeguuf kan fayyadu ta’uufi aanaalee horsiisee bulaa godinichaa afur keessatti beeyladoota miiliyoona afur ta’aniif kan kennamu ta’uu Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjiira Qonnaa godinichaa Obbo Ahmad Hassan dubataniiru.

Ittaantuun Hogganaafi Hoggantuun Damee Eegumsa Fayyaa Beelladaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Dooktar Amiinaa Abdurhammaan, talaalliin maxxantuu qaama alaa beeyladaa kun Godinaalee torba keessatti kan kennamu ta`uu himuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.