Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Bahaatti proojektonni bu’uraalee misoomaa 232 xumuramu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Godina Harargee Bahaatti bara baajata  2014ti proojektonni bu’uraalee misoomaa 390 hojjetamaa jiran keessaa 232 xumuramu ibsameera.

Godinichatti proojektonni kunneen baajanni Birrii biiliyoona 1.7’n ramadameefi ijaaramaa jiraachu Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahammad himaniiru.

Aadde Miskiin sadarkaa hojii bu’uraalee misoomaa garagaraa Bulchiinsa Magaalaa Baabbileeti argamu daawwataniiru.

Proojektoonni kunneen waldaallee IMX’n gurmaa’anin hojjetamaa akka jiruu fi kunis carraa hojjii kan uumee ta’u ibsameera.

Proojektiin hojjetamaa jiru kunis carraa hojii dhaabbata namoota 192 fi Carraa hojii yeroo immoo namoota kuma 1 fi 690 kan uume ta’us eeraniru.

Tuujii Abdiitu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.