Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Bahaatti meeshaaleen waraanaa gara garaa 110 to’atame

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Godina Harargee Bahaatti meeshaaleen waraanaa gara garaa 110 to’atamuu qajeelchi poolisii godinicha beeksise.
 
Hogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa komaandar Naasir Mahaammad meeshaaleen waraanaa to’ataman kunneen sakkata’insa aanota godinicha 20 keessatti taasifameen ta’uu ibsaniiru.
 
Sakkata’insa Onkololeessa 24, 2013 irraa eegalee taasifameen, shuguxii 103, kilaash koovii 7, boombiiwwaan gara garaa 25, rasaasawwan gara garaa kuma 5 ol to’atamuu himaniiru.
 
Akkasumaas viintoov, eskee esii fi meeshaalee waraanaa biroo dabalatee qunamtiin raadiyoo garagaraa to’tamuu ibsaniiru.
 
Kanaanis, namoonni 66 to’annoo seeraa jala ooluun24 mana murtiin galmeen irratti kan baname yoo ta’u namoota 40 irratti ammoo ragaan funaanamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Namoonni biroon 56 ammoo garee ABO shanee fi ABUT waliin hidhata qabachuu ragaan irratti argamuun to’annoo seeraa jala oolfamuusaanii himaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.