Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Bahaatti bara kana qonna Arfaasaan lafa hektaara kuma 65 qotuuf karoorfamee hektaarri kumni 47 raawwatamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 10, 2013 (FBC) – Godina Harargee Bahaatti bara kana qonna Arfaasaan lafa hektaara kuma 65 qotuuf karoorfamee hektaara kuma 47 oomisha adda addaan uwwisuun danda’amuu Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godinichaa beeksiise.
Qonnaan bulaan eeggattummaa Roobaa jalaa ba’uun oomishaa fi oomishtummaan isaa akka dabaluuf aadaa bishaan cimisuu gabbisuuf bara 2013 Haroo kuma 4 qotuuf karoorfamee Haroon kumn 4 fi 715 qotamuu Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Harargee Bahaa ibseera.
Mootummaan duudhaalee bu’a qabeessummaa misooma qonnaa fooyyessuuf qonnaan bulaan eeggattummaa roobaa jalaa bahee aadaa bishaan cimisuutti gargaaramuu akka danda’uuf tarsimoo diriirsee hojjataa jira jedhameera.
Godina Harargee Bahaatti bara kana qonna Arfaasaan lafa hektaara kuma 65 qotuuf karoorfamee hektaara kuma 47 oomisha adda addaan uwwisuun danda’amuu Itti Aanaa Itti gaafatmaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Harargee Bahaa obbo Geetaahun Nigaatuun dubbataniiru.
Sanyiin yeroo dhihotti ga’an Yuunvarsiitii Haramaayaa dabalatee, dhaabbilee mit mootummaa biroo irraa argame kuntaalli kumni 7 qonnaan bultoota aanaalee godinichaaf raabsamuus ibsameera.
Qonnaan bultoonni Sanyii kana argatan bishaan cimisanii fi roobatti gargaarramuun miidhaa caamni dheerachuun dhaqqabsiise dandamachuuf hojjjatamaa jiraachuu eeraniiru.
Godinichatti muuxxannoon bishaan cimisuu akkuma dabalaa dhufuun hanqinni dhiyeessii Sharaa bishaan itti kuufamu muudachaa kan dhufe yoo ta’u, rakkoo kana furuuf sharaan karaa abbootii qabeenyaan akka dhiyaatu waliin hojjatamaa jiraachuu himameera Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Harargee Bahaa Obbo Geetaahun Nigaatuu himaniiruu.
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.