Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Bahaatti bara kana qofa lubbuun namoota 197 balaa Tiraafikaan darbuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC)- Godina Harargee Bahaatti bara kana qofa lubbuun namoota 197 balaa Tiraafikaan darbuu ibsameera.

Godinichatti balaawwwan 215 qaqqabeen lubbuun namoota 197 darbuu fi  qabeenyi Birrii miiliyoona 29 ol barbadaa’uu Itti gaafatamaan  Ejensii Geejjiba Godina Harargee Bahaa obbo Seeyfuddiin Amaan Faanaa Broodkastiing Koorporeetitti himaniiru.

Lakkoofsi balaa qaqqabee kan bara darbee caalaa dabaluu kaasaniiru.

Balaa tiraafikaa godinichatti qaqqabeen namoonni 163  miidhaa qaamaa cimaaf kan saaxilaman yoo ta’u , namoonni 94  immoo miidhaa qaamaa salphaaf saaxilamuu eeraniiru.

Godinichatti balaa tiraafikaa dabalaa dhufeef daandiin godinichaa bu’aa ba’ii qabaachuu, konkolaachistoonni konkolaattota gurguddaa oofuun godinicha keessa qaxxaamuran daandichaaf haaraa ta’uu, saffisni akka maleefi magaalota aanaalee godinichaa hedduu keessatti daandiin dhiphina qabaaachuun sababa ijoo ta’uu ibsameeraa.

Abbaan Adeemsa Nageenya Tiraafikaa Ejensii Geejjiba Godina Harargee Bahaa  Obbo Amaayee Beenyaa gamasaaniin, Yeroo dhihoo asi godinichatti umrii malee konkolaachisuu fi eeyyama malee konkolaachisuun  dabalaa  dhufuu kaasuun  balaa tiraafikaa godinichatti dabalaa dhufe hir’isuuf konkolaattota seera cabsan kuma 7 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.