Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Bahaa fi Jimmaatti sagantaan sochiin Buusaa Gonofaa eegalchiisuu gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) – Aadaa fi duudhaa wal-gargarsaa Uummataa lafa qabsiisuuf Godina Harargee Bahaa fi Jimmaatti sagantaan Buusaa Gonofaa eegalchiisuu gaggeeffameera.
Uummanni Oromoo rakkoo isaa qunnamuu maluu furuuf Buusaa gonofaan shoraa guddaa taphaachuu ibsameera.
Buusaa gonofaan walitti dhufeenyi hawasummaa ummatichaa kan cimsu ta’uus himameera.
Jalqabbii Buusaa Gonofaa godina Jimmaatti gaggeeffamerratti qaamoleen hawaasa garaagaraa Aanaalee 21, Godinichaa irraa walitti bahan 500 ol waliin mariin taasiifamuu eerameera.
Balaa uumamaafi nam-tolcheen miidhaa qaqqaban qolachuuf, harka qalleeyyii deeggaruuf, Maanguddoota fi Haadholii dullooman bira dhaabachuuf sirni Buusaa Gonofaa hundeen lafa qabachuu qaba jedhameera.
Buusaa Gonofaan duudhaa ganamaa Oromoon yeroo rakkinaa ittiin wal-hirphu, ibsituu namoomaa, madda gammachuu dhala namaati jedhame saganticharratti.
Yaasin Shamsudintu gabaase, odeeffannoo dabalataa OBN, BDhKMNO irraa argame.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.