Fana: At a Speed of Life!

Godina Guraageetti warshaa oomisha Dhagaa Cilee ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2013 (FBC) – Naannoo Kibbaa Godina Guraagee aanaa Abbashigeetti warshaa oomisha Dhagaa Cilee ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.
Ijaarsa warshichaaf Birrii miiliyoonni dhibbi 4 ol baasii kan ta’u yoo ta’u, wayita humna guutuun hojii eegale namoota kuma1 fi 500 carraa hojii uuma jedhame.
Warshichi wayita hojii eegale ji’aan Dhagaa Cilee Toonii Kuma dhibba 4 fi kuma 50 oomishuu danda’a jedhameera.
Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti itti aanaa Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw, Ministira Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaa dabalatee hogannoo mootummaa naannoo fi godinichaa argamuu ragaan Dhaabbata Raadiyoo fi Teeleeviizhinii naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.