Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujiitti Kuusaan bishaanii baasii Birrii miiliyoona 17 ijaaramaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Godina Gujii aanaa Adoolaa ganda Dalaaleesaatti Kuusaan bishaanii baasii Birrii miiliyoona 17 ijaaramaa jiraachuu ibsameera.

Kuusaan bishaanichaa qindeessummaa Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjiin deeggarsa baajata addaan kan ijaaramu ta’uu ibsameera.

Kuusichi bishaan Meetirik Kiyuubii kuma dhibba 1 fi kuma 49 qabachuu kan danda’u, abbootii warraa kuma 1 fi 700 akkasumas beelladoota kuma dhibba 1 fi kuma 70 tajaajiluu kan danda’u ta’uu eerameera.

Proojektichi Adoolessa 2013 eegaluu fi Waxabajjii 30,2014tti kan xumuramu ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.