Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujii lixaatti gaagurri ammayyaa kumni 25 Qonnaan bultootaaf raabsame

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Godina Gujii lixaatti Gaagurri ammayyaa oomishaa fi oomishtummaa dammaa dachaan guddisuu danda’u kumni 25 fayyadamtootaaf raabsaamuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.

Gaagurri ammayyaa fi cehumsaa kumni 4 fi 343 fayyadamtootaaf qoodamuus eerameera.

Aanaalee 9 godinichaatti hanga ammaatti Gaagura ammayyaa fi cehumsaarraa dammi toonii kumni 1 fi 200 sassaabamuu Itti aanaa itti gaafatamaa waajjiraa Qonnaa godinichaa Doooktar Karraa Daadhiin ibsaniiru.

Baranas aanaalee godinichaa hundarraa damma toonii kuma 3 ol sassaabuuf karoorfamuu dubbataniiru.

Bara kana qonnaan bultoota kuma 128’f Gaagura ammayyaa kuma 167 kennuun fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hanga ammaatti Gaagurri ammayyaa kumni 25 kennamuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.