Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujii Lixaatti Biqiltuun ganna dhufu dhaabbatu miiliyoonnni 34 ol qophaa’uu ibsame

Finfinnee,Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Godina Gujii Lixaatti Biqiltuun ganna dhufu dhaabbatu miiliyoonnni 34 ol qophaa’uu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiise.

Ganna dhufu Biqiltuu akaakuu garaagaraa miiliyoona 85 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu itti aanaa itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godina Gujii Lixaa obbo Ayyaanoo Alamaayyoon ibsaniiru.

Buufataalee biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa godinichatti argaman 133 irratti biqiltuu akaakuun adda addaa miiliyoonni 34.5 qophaa’uu kaasaniiru.

Biqiltuuwwan miiliyoonni 10 hirmaannaa hawaasaa sagantaa Ashaaraa magariisaan kan dhaabbatu ta’uu fi kan hafe ammoo sagantaa idileen sululoota 167 irra kan dhaabbatu ta’uu obbo Ayyaanoon eeraniiru.

Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.