Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujii Lixaatti balaa lolaan lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Caamsaa 7, 2012 (FBC) –Balaa Lolaa godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaatti muudateen lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan ga’uu ibsame.
 
Aanichatti Rooba cimaa roobeen lubbuun namoota 3 yoo darbu, abbaa warraa kuma 8 fi 929 qa’ee fi qabeenya isaanirra buqqaniiru jedhame.
 
Akka Waajjirri Koominiikeeshinii godinichaa beeksiseetti, waliigala balaa kanaan maatiiwwan kuma 63 rakkoof saaxilamaniiru.
 
Balaan kun gandoota aanichaa 17 keessatti kan qaqqabe ta’uu himameera.
 
Qabeenyi Birrii miiliyoona 40 olitti tilmaamamu manca’uu
Waajjirri Hoggansa sodaa balaa aanichaa ifoomseera.
 
Jiraattoota balaa kanaan Miidhaan irra qaqqabeef deeggarsi gara garaa taasifamaa jiraachuu ibsameera.
 
Hanga ammaattis meeshaaleen mana keessaa, midhaan nyaataa, fi uffataleen garaagaraa Birrii miiliyoona 2.5nitti tilmaammu deeggarsaan dhiyaatera jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.