Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujii Bahaatti Itti gaafatamaan Damee Siyaasaa fi Loojistiksii garee Shanee harka kennate

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC)- Godina Gujii Bahaatti Itti gaafatamaan Damee Siyaasaa fi Loojistiksii Garee Shanee Gammadaa Dhugoo harka kennate.
 
Ajajaan Olaanaa Kutaa Waraanichaa Letenaal Koloneel Gabiree Gaamoon akka ibsanitti Raayyaan Ittisa Biyyaa Godina Gujii Bahaa keessa garee Shanee sosocho’aa jirurratti tarkaanfii fudhachaa jiruun hoggantoonni olaanoo garichaa harka kennachaa jiru.
 
Raayyaan Ittisa Biyyaa iddoo Sabaaboo fi Daawwaa jedhamutti tarkaanfii fudhateen injifannoo olaanaa galmeessuun, tarkaanfiin raayyichi fudhatu garicharratti dhiibbaa uumuun Godina Gujii Bahaatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa fi Loojistiksii Shanee Gammadaa Dhugoo yookiin Loongoo jedhamu harka kennachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarra argame ni mul’isa.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.