Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujii Aanaa Gumii Eldallootti ABO’n Shanee namoota riqichaa hojjachaa jiran 4 ajjeessuun, 3 ammoo miidhaa cimaa irraan ga’uu isaanii Bulchiinsi Godina Gujii beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC) – Godina Gujii Aanaa Gumii Eldallootti ABO’n Shanee namoota riqichaa hojjachaa jiran 4 ajjeessuun, 3 ammoo miidhaa cimaa irraan ga’uu isaanii Bulchiinsi Godina Gujii beeksise.

 

Onkolooleessa 22, 2013 Godina Gujii Aanaa Gumii Eldallootti ABO’n Shanee namoota nagaa riqicha malkaa Gubaa hojjachaa jiran 4 ajjeessuun,3 ammoo miidhaa cimaa irraan ga’uu isaanii Bulchaan Godina Gujii obbo Taaddalaa Uddoo dubbataniiru.

 

Tarkaanfiin kun kan fudhtameef hojiin misoomaa akka guufatuu fi gaaffii uummanni gaafatu akka hin deebine gochuun, uummata rakkoof saaxiluuf karoorfatani humnoonni hidhatanii bosona keessa jiran gocha gara jabeenyaa kana kan fudhatan ta’uu isaanii obbo Taaddalaan himaniiru.

 

Godina Gujii dirree waraanaa fi jeequmsa gochuuf qaamolee hojjachaa jiran irratti tarkaanfiin fudhatamu jabaatee itti fuufa ,kun akka milka’uuf uummanni godinichaa deggersa baraabachisu taasisuun fedhii misoomaafi nageenyaaf qabu muldhisuu qaba jechuun obbo Taaddalaan Uddoo dubbataniiru.

 

Abbootiin Gadaa Gujiis tarkaanfii namoota hojii misoomaa irra jiran irratti fudhatame kana ni balalleefannaa,tarkanfiin kunis uumannii keenyaa bu’uraalee misoomaa irraa akka hin fayyadamneef yaadamee waan ta’eef mootummaan tarkanfii irratti fudhachuu qaba jechuun gaafataniiru.

 

Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksisetti, Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Gujii obbo Waldee Dhugoo, ABO Shanee gochaa sukkaneessaa namoota nagaa irratti fudhatan kana hordofuun sochii qaamoleen nageenyaa fi hawaasi taasisaaa jiraniin ,miseensi ABO Shanee 11 to’annoo jala ooluu isaanii ibsaniiru.


Godina Gujii keessatti sochiin idilee akkuma kanaan duraa jabaatee itti fuufee jiraachuus ibsameera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.