Fana: At a Speed of Life!

Godina Goojjam lamaatti shakkamtoonni 1122 to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jiruun Godina Goojjam Lixaa fi Bahaatti shakkamtoonni kumni 1 fi 122 seeratti dhiyaachuu Bulichiinsi Godinaalee kanneenii beeksiise.
Goojjam Lixaatti shakkamtoonni Ajjeechaa, Saamicha, Hanna, seeraan ala rasaasa dhukaasaan, daldala meeshaalee waraanaa, meeshaalee Kontiroobaandii fi yakkoota walfakkaataniin shakkaman to’atamuu bulchiinsi godinichaa ibseera.
Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffamaan jiruun namoonni 595 to’atamuu Bulchaan Godinichaa obbo Malkaamuu Tashoomaan ibsaniiru.
Bifuma walfakkaattiin shakkamtoonni Godina Goojjama Bahaatti dhuunfaa fi gurmuun yakkoota adda addaa raawwachuun shakkaman 527 to’atamuu Itti Aanaa Bulchaan Godinichaa obbo Manbaruu Zawdeen ibsaniiru.
Miniyichiil Azzazaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.