Fana: At a Speed of Life!

Godina Goofaatti lammiilee sababa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsi taasifamu itti fufeera – TKM

Finfinnee, Adoolessa 20, 2016 (FBC) – Godina Goofaatti lammiilee sababa sigiga lafaan miidhamaniif hanga ammaatti deeggarsi midhaan nyaataa Birrii miliyoona 60tti tilmaamamu taasifamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Birrii miiliyoonni 16 ol walitti qabamuus himeera.

Balichaan lubbuun namoota 231 kan darbe yoo ta’uu, hanga ammaatti Reenfi namoota 18 kan hin argamne ta’uu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaan himaniiru.

Dhaabbileen biyya keessaafi alaa akkasumas naannooleefi bulchiinsi magaalotaa, abbootiin qabeenyaa deeggarsa taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.