Fana: At a Speed of Life!

Godina Goofaatti lammiilee balaa sigaga lafaan miidhamaniif deebiin hatattamaa kennamaa jira-Komishinicha

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)-Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaatti lammiilee balaa sigaga lafaa mudateen miidhamanii fi buqqa’aniif deebiin hatattamaa kennamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa beeksise.

Komishinarri Komishinichaa Ambaasaaddar Shifarraa Taklamaariyaam ibsa kennaniin godinichatti balaa sigiga lafaa mudateen namaa fi qabeenyaarra miidhaan qaqqabuu himan.

Adoolessa 14, 2016 rooba cimaa roobe hordofee balichi mudachuu kan yaadachiisan Ambaasaddar Shifarraan, balaa jalqabaan namoonni afur lubbuun darbuu fi lammiilee reeffaa miidhamtoota kanneenii baasuuf birmatanirra sigiga lafaa 2ffaan mudachuun balichaaf saaxilamuu akeekaniiru.

Balichi guyyaa qaqqabee eegalee hojiileen deebii kennuu hojjetamaa turuus kaasaniiru.

Miidhaa qaqqabeenis lammiileen 400 buqqa’uu eeranii, deeggarsi nyaataa fi meeshaalee garaagaraa taasifamaa jira jedhaniiru.

Yeroo ammaas dabalataan miidhaan akka hinqaqqabneef gareen ogeeyyii dhaabbilee garaagaraarraa baba’e gara naannawichaatti bobbaafamuu TOI gabaaseera.

Hojiin buqqatota naannawaa mijataa qubachiisuu fi deeggarsa barbaachisaa dhiyeessuus gaggeeffamaa akka jiru dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.