Fana: At a Speed of Life!

Godina Goofaatti balaa sigigachuu lafaan lubbuun namoota 20 olii darbe

Finfinnee, Adoolessa 15, 2016 (FBC)-Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Godina Goofaa Aanaa Kennichoo Shaachaatti balaa sigigaachuu lafaa mudateen lubbuun namoota 20 olii darbuun ibsame.

Bulchaan Aanichaa Obbo Misikkir Mitikkuu ibsa kennaniin hanga ammaatti barbaacha taasifameen reeffii namoota 20 olii argamuu fi lakkoofsi kunis dabaluu akka danda’u ibsan.

Hojii lubbuu baraarsaa gaggeeffameen lakkoofsi jiraattota naannawichaa ammaaf hinbeekamnee balichaaf saaxilamuu dubbataniiru.

Miseensota poolisii aanichaa, dubartootaa fi daa’imman balichaaf saaxilamoo ta’uun eerameera.

Yeroo ammaa hojiin reeffa barbaaduu fi lubbuu baraaruu cimsee itti fufuu ragaan qajeelcha kominikeshinii godinichaarraaargame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.