Fana: At a Speed of Life!

Godina Geediyootti ogeeyyiin Fayyaa deessuu qaroo dhabeeyyii tokko miidhaan hojiirraa ittifaman

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC) – Naannoo Ummattoota Kibbaa Godina Geediyootti ogeeyyiin yaala Fayyaa deessuu qaroo dhabeeyyii tokko miidhaan hojiirraa ittifamuu ibsame.
Godina Geediyoo aanaa naannawaa Diillaa Buufata Fayyaa Ciiccuutti ogeeyyiin yaala Fayyaa deessuu qaroo dhabeeyyii tokkorraan miidhaa qaqqabsiisan hojiirraa ittifamuu ibsameera.
Buufatichatti sababa hanqina kenniinsa tajaajilaan dhamaatiin deessuu qaroo dhabeeyyii tokkorra ga’e ummata biratti komii olaanaa kaasuu himameera.
Aanaa naannawaa Diillaa Buufata Fayyaa Ciiccuutti tajaajila yaalaa argachaa kan turte Aadde Simrat Xilahuun qaroo dhabeeyyii yoo taatu, tajaajilli buufaticha keessatti kennamu fooyya’uu akka qabu dubbatteerti.
Ijaan arguu baadhus wayita ciniinsuu eegalee ogeeyyiin fayyaa tajaajila naaf laachaa turuu isaaniin nan hubadha, daa’imas nagaan oofkaleera jechuun ibsiteerti.
‘Haa ta’uutii da’umsaan booda iddoo tursaa jechuun bakki nageessan ani ijaan arguu baadhus akkan haadha koorraa hubadhetti daraan nagaddisiiseera’ jetteerti.
Ta’iin uumamee fi iddoo tursaa jechuun bakki intala ishee geessan namuusa ogummaan ala ta’uu haati Simrat Aadde Birqinash ibsaniiru.
Hanqinni tajaajilaa buufaticha keessaatti uumameen itti gaafatamaa buufatichaa dabalatee ogeeyyiin 3 hojiirraa ittifamuu himameera.
Ogeeyyiin gochaa kana raawwatan seeran akka gaafataman hojjetamaa jiraachuu itti gaafatamaan waajjira Eeggumsa Fayyaa Godina Geediyoo obbo Addisuu Ku’uun ibsaniiru.
Ogeeyyiin yeroof buufaticha keessa turan Aadde Simratiif tajaajila sirrii ta’ee laachuu dhabuu isaaniif rakkoo uumameef ummata biyyattii hunda dhiifama gaafanna jedhan bulchaan Aanaa Naannawaa Diillaa obbo Taganyi Taaddasaan.
Taateen uumamettis daraan gadduu ibsaniiru.
Biiroon Eeggumsa Fayyaa Naannoo Kibbaas taatee uumameef Ummata Godina Geediyoo fi Ityoophiyaa hunda dhiifama gaafachuun hordoffii barbaachisu kan taasiisu ta’uu ibsuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Geediyoorraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.