Fana: At a Speed of Life!

Godina Geedi’ootti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2014 (FBC)- Naannoo Kibbaa godina Geedi’ootti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbeera.

Balichi aanaa Yirgaacaffee aanaa Qoongaatti kan muudatee yoo ta’u, lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan qaqqabeera.

Konkolaataan deddeebisaa uummataa Yaa’abeelloorra gara Finfinnee imalaa ture galaluun lubbuu namoota 6 yoo darbuu, namoota 13 irraa miidhaan qaama cimaan qaqqabuu ajaja olaanaa poolisii aanichaa gargaaraa Insipeektar Taammiraat Mitikuun ibsaniiru.

Namoonni miidhaan irraa ga’ees yaalli taasifamaafi jiraachuu ragaan waajjira kominikeeshinii godinicharra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.