Fana: At a Speed of Life!

Godina Gaamootti balaa jijjiigootin lubbuun namoota afurii darbe

Finfinnee, Amajjii 23, 2012 (FBC) – Godina Gaamootti balaa jijjiigootin lubbuun namoota afurii darbe.

Naannoo Kibbaa godina Gaamoo aanaa Gaacoo Baabaa ganda Gaatsaatti balaa jijjiigoo lafaa mudateen lubbuun namoota afurii darbu poolisiin godinichaa beeksiseera.

Balichi kan qaqqabe roobni yeroo isaa hin eegganne roobuun ta’uu ajajaan poolisii godinichaa Koomaandar Rattaa Takluu himaniiru.

Kanneen du’aniin alatti namoota lama irratti midhaan qaamaa qaqqabeera.

Akkasumas belladoonni manaa 12 du’uun, miseensi maatii 69 qe’ee isaaniirra buqqa’aniiru.

Oomishni lafa heektaara 30 irra jirus faayidaan ala ta’u Koomaandar Rattaan himaniiru.

Namoonni balaa kanaan qe’ee isaaniirraa buqqa’anis mana barumsaa gandichatti argamu keessatti da’ataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.