Godina Booranaatti Pirojektii Bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 754 ijaaramu ifoome
Finfinnee, Guraandhala 20, 2015 (FBC)- Godinaa Booranaatti Birri miiliyoona 754’n Pirojektii Bishaan dhugaatii qulqulluu ijaaruu har’a ifoomeera.
Saganticharratti Ministir Deetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Ambaasaaddar Asfawu Dingaamoo, Itti Aanaan Pireezidaantii Baankii Misoomaa Afrikaa Abdul Kaamaaraa fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu biroon argamaniiru.
Pirojektichi deeggarsa Baankii Misoomaa Afrikaarra argameen kan ijaaramu ta’uu Ambaasaaddar Asfawu Diingaamoon Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ibsaniiru.
Pirojektichi har’a ifoomuu eeranii, marsaa itti aanuun waliigalteen ijaarsaa bishaan dhugaatii Doolaara miiliyoona 60 mallatteeffamuu dubbatan.
Marsaa lammaataattiin boollaa bishaanii turan torba irraa deebiin hojii eegalchiisuu fi boollaa bishaanii gadi fagoo haaraa shan akka qotaman ibsaniiru.
Kana malees kuusaa bishaanii, bishaan meetirik kiyuubii kuma 1 qabatu, diriirsa ujummoo bishaanii fi hojiilee biroon akka gaggeeffaman ibsaniiru.
Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu hongee Booranaa fi naannawichatti mudate dandamachuuf gahee olaanaa akka qabaatu himaniiru.
Pirojekticha saffisaan xumuruun fayyadamtootaan ga’uuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan akka hojjetamus dubbataniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.