Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti Horsiisee Bultoota sababa hongeen qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqa’aaniif deeggarsi taasifame

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC) – Godina Booranaa Aanaa Dubluqitti Horsiisee Bultoota sababa hongeen qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqa’aaniif deeggarsi akaakuu garagaraa taasifameera.

Dhaabbanni “Support For Sustainable Development/SSD/” jedhamu Horsiisee Bultoota sababa hongeen buqqa’aanii iddoolee tursaa keessa jiraniif deeggarsa miidhaan Nyaataa, Zaayitaa fi meeshaalee qulqullinaa taasiiseera.

Dhaabbatichi maatii kuma 4 fi 539 Aanaalee Dubuluqii fi Eelawoyyetti Birrii miiliyoona 22.3tti tilmaamamy deeggersa taasiseera.

Namoota sababa Hongee mudateen miidhaman Lubbuu baraaruuf deeggarsa taasisaa jiraachuu kan himan Daarakterri Dhaabbata ‘Meenshiin For Meenshiin’’ Suwizaarlaand Kelsang Kone deeggersi taasisaa Jiran kan itti fufu ta’uu eeruu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.