Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti hanqina margaa furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) – Sababa hongeen hanqina margaa furuuf misooma margaarratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira.

Godina Booranaa Aanaa Eelwayyeetti margi lafti heektaarri 95 misoomaa jira.

Sababa hongeen Hanqina margaa horsiisee bulaa furuuf misooma margaarratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu kan eeran

Itti aanaan Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa fi Itti Gaafatamaa Damee Misooma Horsiise Bulaa Oromiyaa Obbo Roobaa Turcee, aanaa Eelwayyeetti lafa heektaara 208 irratti misoomsudhaaf hojiin kan jalqabame yoo ta’u, margi lafti heektarri 95 misoomuusaa himaniiru.

Margi amma faca’ee misooma jiru kun margaa Paayikeemiifi Roodaas akka jedhaman himaniiru.

Achuma Godina Booranaa aanaa Dilloottis margi lafa heektaara 26 irratti misoomaa jira.

Hojiin misooma margaa kun naannolee gammojjii keessaatti cimee kan hojjetamu ta’uu fi misoomni margaa kun hojjetamuunsaa hongee yeroo yeroon hawaasa horsiise Bulaa qoru dandamachiisuuf gahee olaanaa qaba jechuun ibsuusaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Oromiyaarra argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.