Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaa Bahaatti Piroojektoonni jallisii Birrii miiliyoona 590 oliin hojjetamaa turan xumuraman

Finfinnee, Hagayya 27, 2015 (FBC) – Godina Booranaa Bahaatti Piroojektoonni jallisii Birrii miiliyoona 590 oliin hojjetamaa turan xumuramuu Waajjirri Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa godinichaa beeksise.

Piroojektoonni kunneen tajaajilaaf qophii ta’uu ibsameera.

Bishaan Meetir Kiyuubii miiliyoona 17 cimmisuu kan danda’u ta’uu Dursaan garee hordoffii fi to’annoo ijaarsaa waajjirichaa Obbo Tasfaahuunanyi Daani’eel ibsaniiru.

Piroojektiin misooma jallisii kun lafa hektaara kuma 1 fi 500 misoomsuuf dandeettii kan qabu ta’uu eeraniiru.

Horsiisee bultoota kuma 3 ol fayyadamoo taasisa jedhaniiru.

Hanga ammaatti Bishaan Roobaa Meetir Kiyuubiin miiliyoonni 1.5 ol cimisamuu Obbo Tasfaahuunanyi ibsaniiru.

Piroojekticha raawwachiisuuf Mootummaan naannoo Oromiyaa Birrii miiliyoona 592 baasii taasiisuu ragaan TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.