Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaa Aanaa Gomooleetti hojiin misoosoma Sululaa eegale

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Godina Booranaa Aanaa Gomooleetti Hojiin Misoosoma Sululaa eegalameera.

Sababa jijjirama qilleensaan roobni yeroo isaa eegee roobuu dhabuun naannoo gammoojjii Booranaatti miidhaan namaa fi horiirraa dhaqqabaa jira.

Rakkoo kana furuuf hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa  Guyyoota 60 turu  Aanaalee Godinichaa keessatti eegalameera.

Hojii misooma sululaa baroottaan darban hojjatamaniin lafti bosonaan uwwifamuu eegaleera.

Muxannoo baroottan darbaniirraa faayidaa argannee hojii misooma sululaa kana bona kanaan xiiqiin hojjechaa jirra jedhan hawaasni hojii kanarratti bobbaa’anii hojjachaa jiran.

Akka Aanaa Goomoleetti hojii misooma sululaa bara kana milkeessuuf meeshaalee hojiif barbaachisu uummataaf qopheessuun gandoota aaniicha hunda keessatti hojjatamaa jira kan jedhan Itti Gaafamaa waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Aanaa Gomoolee obbo Diida Qancooraati.

Hojii Kunuunsa biyyee fi bishaanii bara kanaatiin akka godinichaatti sulula 124 lafa hektaara kuma 35 oli Aanaalee godinichaa keessatti misoomsuuf hojiin eegalamuu ragaan Waajjira Komikeeshinii godinichaarra argame ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.