Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaa Aanaa Areerootti Manni Murtii Aadaa hundeeffame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Godina Booranaa Aanaa Areerootti Manni Murtii Aadaa hundeeffameera.

Hundeeffamii Mana Murtii Aadaa kun bakka abbootiin seera, Abbootiin Gadaa, Haadholii fi kutaan hawaasa garagaraa argamanitti hundaa’uu ibsameera.

Sirna Hundeeffama Mana Murtii Aadaa kana irratti itti gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Turiizimii Aanichaa obbo Diqqaa Agarsuu, haasa baniinsa taasisaniin hundeeffamni mana murtii Aadaa kun xiyyeeffannoo Mootummaan jijjiirama Aadaaf kenne ta’uu dubbachuun hirmaatotaan baga gammaddan jedhan.

Hundeeffama kana irratti Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo Haasaa taasisaniin, hundeeffamni kun Muraa fi Murtii Aadaa keenya waan jabeessuuf Mootummaan xiyyeeffannoo Aadaa kenne Maqaa Abbootii Gadaa Oromoo fi Uummata Oromoon galata qabdu jechuusaanii ragaan Kominikeeshinii godina Booranaarra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.