Fana: At a Speed of Life!

Godina Boorana Bahaatti Manneen Barnoota Idilee Duraa 34 ijaaramaa jiru

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC) – Godina Boorana Bahaatti Manneen Barnootaa Bu’uuraa Boruu 34 baasii Birrii miiliyoonaa 464’n ijaaramaa jiraachuu Waajjirri Barnoota godinichaa ibse.

Manneen barnootaa kunneen waliin gahiinsaa Barnootaan cinaatti ,hanqina daree barnootaa kan furuu ta’uu ibsameera.

Waajjira Barnootaa godinichatti Qindeessaan Sagantaa Fooyya’iinsa barnootaa Obbo Taaddasaa Bultoo, bara baajata kanatti deeggarsa hawaasa godinichaa fi dhaabbiilee deeggarsaa waliin manneen Barnootaa 50 ijaaruuf karoorfamuu ibsaniiru.

Kanneen keessaa godinichatti hirmaannaa hawaasaan manneen barnootaa idileen duraa 34 ijaarsii isaanii %65 irraa gahuu himaniiru.

Ijaarsa manneen barnoota kanneenirrati hawaasni kumni 40 fi 800 hirmaachaa jiraachuu eeraniiru.

Ijaarsi manneen barnoota kun wayita xumuramuu bara barnoota haaraatti daa’immaan kuma 6 ol simaachuu akka danda’amu ibsaniiru.
Hawaasni godinichaa Birrrii miiliyoona 234 buusuun akkasumas miiliyoona 230 immoo deeggarsaa akaakuu fi humnaa taasiisaa jiraachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.