Fana: At a Speed of Life!

Godina Baaleetti Namoonni daddabarsa daa’immaaniin shakkaman to’atamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Godina Baaleetti Namoonni daddabarsa daa’immaaniin shakkaman 2 to’atamuu Waajjirri Poolisii aanaa Sinaanaa beeksiseera.

Daa’imman umriin isaanii waggaa 12 gadi ta’an 13 godina Arsii lixaa aanaa shaashamannee irraa gara godina Baaleetti osoo daddabarfamaa jiranii aanaa sinaanaa ganda Oborraatti shakamtoota daa’imman daddabarsan 2 waliin to’annaa jala ooluu Ittaanaan Daayrektara Waajjira poolisii aanichaa Komaandar Muktaar Shaalee ibsaniiru.

Dhimmi shakkamtoota kanneenii seeraan qulquullaa’aa jiraachuu himuu isaanii OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.