Fana: At a Speed of Life!

Godina Baaleetti hojiin tajaajila lammummaa jijjiirama qabatamaa fiduu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC) – Godina Baaleetti hojiin tola ooltummaa fi  tajaajila lammummaa jireenya hawaasaa irratti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu Waajjirri Dhimma Dubartootaa fi  Daa’immanii godina Baalee ibse.

Hojiilee deeggarsa lammummaa fi misoomaa hojjetameenis baasiin mootummaa Birrii miiliyoonni 160 ol baraarramuu ibsameera.

Hojii tajaajila lammummaa ganna darbee irratti namoonni kumni dhibbi 3 aanaalee godinichaa 12 keessatti hirmaachuu hoggantuun Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii godinichaa aadde Hindiyaa Huseen ibsaniiru.

Hojii tajaajila lammummaan manneen manguddootaa 398 ijaaramuu fi haaromsamuu, maanguddoota kunuunsuu fi ijoollee harka qalleeyyii kuma 65’f deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifamuu ibsameera.

Dabalataanis tola ooltoonni kunneen Raayyaa Ittisaaf dhiiga gumaachuu  fi Birrii kuma dhibba 6 ol deeggarsa taasisuu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.