Fana: At a Speed of Life!

Godina Baalee Bahaatti hawaasa hongeen miidhamaniif deeggarsi taasiifame

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC) –Dhaabbileen garaagaraa Godina Baalee Bahaatti hawaasa hongeen miidhamaniif deeggarsi taasiisan.

Dhaabbanni ‘World Vision’ Godina Baalee Bahaa aanaa Daawwee Qachanitti hawaasa hongeen miidhamaniif deeggarsa miidhaanii nyaataa fi zayitaa taasiseera.

Dhaabbatichi hawaasa aanicha gandoota 15 keessa jiraatan namoota kuma 42 fi 996f deeggarsi miidhaan nyaataa kuntaala kuma 6 fi 449 fi zayita nyaataa liitira kuma 19fi438 taasiseera.

Dhaabbanni Tola Oolaa Barakaas Jiraattoota Baalee Bahaa Aanaa Gololchaa Ganda Dirree Sheek Huseen Sababa hongeetiin miidhamaniif deeggarsa Midhaan nyaataa taasisuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Godinichatti sababa hongeen jiraattoonni kumni dhibbi 7 ol rakkoof saaxilamuu Itti gaafatamaan Waajjira Buusaa Gonofaa Godina Baalee Bahaa Obbo Amiin Aliyyii ibsaniiru.

Jiraattoota Aanaalee godinichaa 7 keessatti argaman kuma dhibba 4 oliif deeggarsa dhiyeessuun eegalamuu Obbo Amiin Aliyyii eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.