Fana: At a Speed of Life!

Godina Baalee Aanaa Sinaanaatti pirojektiileen misoomaa Birrii miiliyoona 159 ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) – Godina Baalee Aanaa Sinaanaatti piroojektiileen misoomaa garaagaraa Birrii miiliyoona 159 ijaaraman eebbifamaniiru.

Piroojektoonni hirmaannaa ummataafi baajata mootummaa Birrii miliyoona 159 ta’uun hojjetaman tajaajilaaf banaa ta’uu Bulchaan aanaa Sinaanaa Obbo Balaay Bojaan himaniiru.

Bara kana Godina Baaleetti pirojektoonni misoomaa garaagaraa 141 Birrii miliyoona 800n hojjetaman tajaajilaaf banaa ta’uu Bulchaan godinichaa Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyiin dubbachuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.