Fana: At a Speed of Life!

Godina Baalee aanaa Gaasaraatti boba’aan seeraan alaa roottoon 33 to’atame

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Godina Baalee aanaa Gaasaraatti boba’aan seeraan alaa roottoon 33 to’atamu Waajjirri Poolisii Aanichaa beeksiseera.

Godina Baaleetti qaala’insi gatii boba’aa komii hawaasa godinichaa eerga ta’ee bubbuleera.

Konkolaachiftooni baajajii Magaalaa Roobees gatiin beenzilaa liitira tokko hanga Birrii 75 akka gahee fi tajaajila hawaasni barbaaduu kennuuf rakkataa jirra jechuun komatan.

Haaluma walfakkaatuun jiraattooni Aanaa Gaasaraas gatiin boba’aa keessattuu kan beenzilaa dachaan dabaluun rakkoof akka isaan saaxilee komataa jiru.

Waajjirri Poolisii aanichaas komii hawaasaa irraa ka’uun to’annoof hordoffii taasisuun boba’aa seeraan alaan fe’ame gejjibsiifamaa jiru to’annaa jala oolchuu Ajaja Itti Aanaan Waajjira Poolisii Aanaa Gaasaraa, Inspeektara Gargaaraan Muktaar Amaanoo himuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.