Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsitti xaa’oo kuntalli kuma 400 mana kuusaa ga’uun ibsame

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)- Godina Arsitti xaa’oo kuntaalli kuma 400 mana kuusaa ga’uun Ejensiin Waldaalee hojii gamtaa godinichaa beeksise.

Itti gafaataman Ejensichaa Obbo Adam Sa’iid godinichatti barana hanqinni xaa’oo akka hinmudanneef hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Haaluma kanaan godinichaatti bara kana xaa’oo kuntalla kuma 847 dhiyeessuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga ammaattis xaa’oo kuntaalli kuma 400 mana kuusaa gahii himan.

Hannaa xaa’oo hambisuuf gurgurtaan xaa’oo gama dijiitaalan akka gaggeeffamu Obbo Adam eeraniiru.

Qonnan bultootni godinichaas dhiyyeessiin xaa’oo bara kana qonna isaanii haala gaariin akka gaggeeffataniiuf abdii ta’uu ibsaniiru.

Miidhaksaa Qachaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.