Godina Arsiitti Qamadiin lafa hektaara kuma 300 ol irratti jallisiin misoome kunuunfamaa jira
Finfinnee, Amajjii 8, 2017 (FMC) – Godina Arsiitti Qamadiin lafa hektaara kuma 300 fi kuma 7 ol irratti jallisii Boneen misoome kunuunfamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.
Godina Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaatti qamadiin jallisii boneen misooma haala gaariin kunuunfamaa jiraachuu Itti Aanaa Bulchaa fi Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Zuwaay Dugdaa Obboo Abdulqaadir Abdallaa eeraniiru.
Akka aanichattis barana Qamadiin lafa hektaara kuma 40 ol jallisii boneen misoomaa jiraachuu himaniiru.
Godinichatti bara kana Qamadii lafa hektaara kuma 300 fi kuma 7 ol jallisii boneen misoomsuun Callaa kuntaala miiliyoona 13 argachuuf hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Arsii Obbo Ganna Muhammadiiti.
Abdallaa Amaantu gabaase.
#Oromia #Ethiopia