Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsiitti pirojektoonni Birrii Miiliyoona 24.5’n ijaaramaa turan eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2016 (FBC)- Godina Arsii Aanaa Xiyyootti pirojektonni fayyadamummaa Hawaasaa mirkaneessan 14 Birrii miiliyoona 24.5’n ijaarama aturaan eebbifamaniiru.

Pirojektoonni tajaajilaaf banaa ta’an kunneen Giddugala Kompostii Raammoo, Bishaan Dhugaatii Qulqullu, kilinika beeyladootaa fi kanneen ta’uun eerameera.

Aanichatti bara baajataa kanatti pirojektoonni 58 Birrii miiliyoona 290 oliin hojjatamaa turuu kan kaasan Itti Aanaa Bulchaa Aanaa Xiyyoo Obbo Hasan Mahaammad, kanneen keessaa pirojektoonni 14 Birrii miiliyoona 24.5’n hojjataman xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru jedhan.

Bulchaan Bulchiinsa Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir gama isaaniin godinichatti pirojektoonni gosa garaa garaa kuma 1 ol Birrii biiliyoona 5.7’n hojjatamaa turuu kaasaniiru.

Pirojektiin har’a eebbifames qaama pirojektoota godinichaatti hojjetamaa jiranii ta’uu eeraniiru.

Hogganaan Biiroo Misooma Manneenii Oromiyaa Obbo Muhaammad Guyyee, akka kanaan duraa dhagaa bu’uuraa kaa’anii biraa deemuu qofa osoo hintaane, xumuruun tajaajila hawaasaatiif akka oolu taasifamaa jiraachuu dubbatan.

Pirojektootaa ijaaraman tajaajilaa barbaadamu irraa argachuuf ammo nageenya tikfachuu murteessa ta’uu akeekaniiru.

Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.