Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsiitti Misooma Jallisii Boneetiin hanga ammaatti Lafti hektaarri kumni 26 fi 500 sanyii qamadiin uwwifamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 17, 2014 (FBC) – Godina Arsiitti Misooma Jallisii Boneetiin hanga ammaatti Lafti hektaarri kumni 26 fi 500 sanyii qamadiin uwwifamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiise.

Godina Arsii Aanaa Muunessatti facaasaan qamadii jallisii bonee kilaasteraan guyyaa tokkotti lafti hektaarri 150 ol facaa’uu ibsameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Muuneessaa obbo Naggasaa Badhaadhaa Aanichatti lafa hektaara kuma 10 fi 98 jallisii boneetiin facaasuu fkaroorfamee hojjatamaa jiru keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri 580 sanyini uwwifamuu ibsameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Arsii obbo Musxaafa Huseen yaada laataniin lafti keenya qamadii oomishuuf haala mijataa utuu qabduu, biyyi keenya biyya alaa irraa qamadii bituu hin qabdu waan ta’eef xiyyeeffannaan hojjechaa jirra jedhanii, akka Godina Arsiitti bara kana misooma qamadii jallisii boneetiin lafa hektaara kumni 30 fi 962 qotuuf karoorfatan keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 26 fi 500 sanyii qamadiitiin uwwifamuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Komnikeedhiinii Godina Arsii irraa argame ni ibsa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.