Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsiitti Midhaan lafa hektara kuma 600 irratti misoomerraa callaa kuntaalli miiliyoonni 22 ol ni eegama jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2015 (FBC) – Godina Arsiitti Midhaan lafa hektara kuma dhibba 6 irratti misoomerra callaa kuntaalli miliiyoonni 22 ol kan eegamu ta’uu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiise.

Qonnaan bultoonni godinichaa nyaatan of danda’uurra darbee oomisha gabaa alaattif dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bultonni godina Arsii aanaa Heexosaa oomishaa isaanii kunuunsaa jiraachuu ibsaniiru.

Aanichaatti lafa hektaara kuma 25 fi 600 ol sanyiin uwwifameerraa callaa kuntaala kuma dhibba 8 ol sassabuuf karoorfamu Itti anaan bulchaa aanaa Hexosaa Obbo Hassen Mohammad ibsaniru.

Kuntalaa kuma 50 gabaa alaattif ni ergama jedhaniru.

Akka godinichaattis myaatan of danda’uu irraa darbee gabaa alaaf dhiyeessuu karoorfamuu eerameera.

Midhaksa Qachaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.