Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsiitti lafa Hektaara kuma 30 ol jallisii boneen misoomsuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Sadaasa 1, 2014 (FBC) – Godina Arsii aanaalee garaagaraatti lafa hektaara  kuma 30 fi 600 ol qonna jallisii booneen misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiise.

Aanaa Doddotaatti bara kana lafti hektaarri kuma 1  fi 420 jallisii booneen misoomuf qophiin lafaa xumuramuun facaasan jalqabamuu  Itti gafatamaan Waajjira Qonnaa Aanichaa obbo Qaasim  Kadir dubbataniru.

Godina Arsii aanaalee 23 keessatti bara kana lafa hektaara kuma 30 fi 600 ol Jallisii booneen misoomuf karoofamee hojjetamaa jiraachuu Itti aanaa itti gafataamaan Waajjira Qonnaa godinichaa obbo Musxafaa Huseen ibsaniiru.

Hanga ammattis  lafti hektaarri 700 facaa’uu fi aanaalee tokko tokko keessatti ammoo  qophiin lafa eegalamuu himaniiru.

Qonna jallisii boonee kanaaf dhiyeessiin galtee qonna ga’aan dhiyaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Lafa waliigala misoomuurraa callaa kuntaala miiliyoona 1.3 argachuuf karoorfamuu obbo Musxafaan eeraniiru.

Miidhaksaa Qachaatti gabaase.

Naannoo keessaan eegaa!

 

Gara adda waraanaatti duulaa!

 

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

 

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

 

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

 

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

 

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

 

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.