Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsiitti fooyya’insa proojektii bishaan dhugaatii Egoo-Lolee eegaluuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC)- Godina Arsiitti fooyya’insa proojektii bishaan dhugaatii Egoo-Lolee eegaluuf waliigalteen mallattaa’eera.

Fooyya’insi proojektii bishaan dhugaatii kun baasii Birrii miiliyoona 30 raawwatama jedhameera.

Waliigalticha Interpiraayziin Sanyii Filatamaa  Oromiyaa fi  Biiroo Bishaan fi Inaarjii Oromiyaaa mallateessaniiru.

Proojektichi hawaasa aanaalee 3 fi gandoota 20’f tajaajila ni laata jedhameera.

Itti aanaan hoggana biiroo bishaanii fi inaarjii Oromiyaa obbo Abboomaa Tarreessaa fi Hojii gaggeessaa olaanaan Interpiraayzii sanyii filatamaa Oromiyaa Dooktar Ashinee Boggalee hojii fooyya’insa proojektii kanaaf waliigalte mallateessaniiru.

Dooktar Ashinee Boggaleen haasaa taasisaniin, fayyadamummaa hawaasaaf sanyii filatama dhiyyeessu cinaatti ummata keenya rakkoo bishaanii keessa baasuuf yeroo kamuu akka hojjetan ibsaniru.

Injinaar Abboomaa Tarreessaan gama isaaniin, naannoo Oromiyaatti projektonni bishaan dhugatii hedduu hojjetama akka jiran ibsun proojektin Egoo- Loolee kunis yeroo dhiyootti xumurame tajaajila hawaasaaf akka ooluu ibsaniiru

Proojektiin kun waggaa tokko kessatti ni xumuramaas jedhaniiru.

Miidhaksaa Qachaatu gabaase

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.