Godina Arsii Lixaatti qonna gannaa bara kanaan lafa hektaara kuma 300 ol kilaasteraan misoomsuuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Caamsaa 14, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti qonna gannaa bara kanaan lafa hektaara kuma dhibba 3 ol kilaasteraan misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Aanaalee Godina Arsii Lixaa garaagaraa keessatti qonna gannaatiin lafa hektaara kuma dhibba 3 fi kuma 53 misoomsuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hektaarri kumni dhibbi 3 kilaasteraan kan misoomu ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Dooktar. Abdullaahii Beekaan himaniiru.
Oomisha moosee Aanaalee godinicha afur keessatti baay’inaan oomishamaa jiruuf gabaa barbaaduuf qaama dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godina Arsii Lixaa obbo Ahimad Hajjiin ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni Aanaa Doddolaa lafa kanaan dura qotiyyoon qotaa turan yeroo ammaa kilaasteraan gurmaa’anii tiraaktaraan gargaaramuun lafa qopheessaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.