Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti qamadii jallisiin oomishuun marsaa 1ffaa %100 ol milkaa’uun ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC)- Godina Arsii Lixaatti qamadii jallisiin oomishuun marsaa 1ffaa %100 ol milkaa’uun ibsameera.
Itti gaafatamaan waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa Godina Arsii Lixaa obbo Abdallaa Ibraahim gama isaaniitiin, marsaa 2ffaan lafti heektaara kumni 5 jallisiin qamadii oomishuuf qophaa’uu himuuniiru.
Gannaa fi bona omishuun biyya teenya tarree biyyoota omiisha qonnaatiin sadarkaa olaanaa jiran cinatti ni hiriirsifna jechuun himaniiru.
Bulchaan bulchiinsa Godina Arsii Lixaa Obbo Abarraa Bunoo, oomishni kun kan Abdii namatti horu waan ta’eef, kana caalaa itti cichinee ummata keenya hiyyummaa keessaa baafna badhaadhina hojiin agarsiifna jedhan
Mrsaan 2ffaan kan eegalame yoo ta’u, qamadiin alatti marsaa kanaan oomisha kuduraa fi muduraa kan akka maangoo, paappayaa, timaatimaa fi kan biroos ooyruu qotee butootaatti dabalataan ni omishama jedhame
Jibriil Huseentu gabaase
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.