Godina Arsii Lixaatti Qamadii Jallisiin misoomsuuf Facaasaan eegalame
Finfinnee, Sadaasa 30, 2014 (FBC) – Aanaalee Godina Arsii lixaa garaagaraa keessatti lafa hektaara kuma 12 ol qamadii jallisii boneen misoomsuuf facaasaan eegalamuu ibsameera.
Aanaalee godinicha saddeet keessatti lafa hektaara kuma 12 fi 788 irratti qamadii Jallisii boneen misoomsuuf facaasaan eegalu Waajjirri qonnaa godinichaa beeksiseera.
Qonnaan bultoonni Aanaa Dodolaa Ganda Kattaa Barandaa qamadii boneen jallisiin misoomu ifatti eegalaniru.
Oomisha gaarii argachuud kuttannoon kan hojjatan ta’u qonnaan bultoonni aanichaa ibsaniiru.
Aanichatti hojii misooma jallisii qamadii misoomsu kana calaan gaarii akka argamu deeggarsi barbaachisu ni taasifamaa jedhan Itti gaafatammaan Waajjira qonna Aanaa Dodolaa obboo Abbee Diboo.
Rakkoowwan dhiheessi qonnaa muudatan hiikuuf ni hojjetama jechuun isaanii OBN gabaaseera.
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.