Godina Arsii Lixaatti Oomisha gannaatiin callaan kuntaalli miiliyoonni 13 ni eegama jedhame
Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti Oomisha gannaatiin midhaan gosa garagaraa irraa callaan kuntaala miiliyoonni 13 kan eegamu ta’uu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiise.
Aanaalee garagaraatti sassaabbiin oomishaa eegalamuu Abbaan adeemsa misooma midhaanii fi eeggumsa biqiltuu godina Arsii Lixaa obbo Abdullaxiif Kadiir ibsaniiru.
Oomisha walii galaarraa callaa miiliyoonni 13 ni eegama jedhan.
Aanaa Gadab Hasaasaa qofatti callaa kuntaalli miiliyoonni 2 ol kan eegamu ta’uu
Itti gaafatamaan waajjira qonnaa aanichaa obbo Abdoo Aliyyii ibsaniiru.
Jibriil Huseentu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.