Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti biqiltuuwwan uwwisa Ashaaraa Magariisaaf oolaan miiliyoona 100 ol qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Jilli Godinaalee Shawaa Lixaa, Gujii Lixaa fi Booranaa Aanaa Adaabbaatti buufata biqiltuu Ejersaatti biqiltuu Ashaaraa magariisaaf qophaa’aa jiru kana muuxannoo qooddachuuf daawwataniiru.

Godinichatti biqiltuu miiliyoona 200 fi miiliyoona 73 qopheessuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti %85 raawwatamuu kan himan.

Itti gaafatamaa Itti aanaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Ibsaa Gammadaa biqiltuun kuni buufata biqiltuu mootummaafi dhuunfaarratti kan hojjetamaa jiru ta’uu himan.

Oomishaa fi oomishtummaa midhaanii dabaluudhaaf hojiin qabeenya uumamaa daagaan hojjetamaa ture biqiltuun dabaalamuu waan qabuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.