Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaa aanaa Shaallaatt balaan Ibiddaa muudate qabeenyarra miidhaa qaqqabsise

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) – Godina Arsii-lixaa Aanaa Shaallaatti guyyaa har’aa balaa ibiddaa muudateen manneen jireenyaa 10 gubachuu himame.

Aanaa Shaallaa ganda Daannisa bungee iddoo addaa Xoxoqqee jedhamuun beekkamtutti balaa ibiddaa tasa mudateen manneen jireenyaa 10 gubataniiru.

Balaan kun mana bilcheessaa keessaa ka’uun manneen 10 meeshaalee manaa fi sanyii midhaanii hedduu waliin barbadeessee jira.

Akka waajjirri dhimmoota koominiikeeshinii aanichaa beeksiseetti, balaa abiddaa tasa uumameen qabeenyi qarshii kuma dhibba 7 tilmaamamu manca’eera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.