Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaa Aanaa Nansabootti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 16 darbe

Finfinnee, Amajjii 25, 2013 (FBC)-Godina Arsii Lixaa Aanaa Nansabootti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 16 darbuu Qajeelchi Poolisii Godinichaa ibseera.
Itti gaafatamaan dhimmoota kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godinichaa Saajin Ahimad Xaqasaa akka ibsanitti, balaan kun kan qaqqabe konkolaataa Siinootirakii aanaa Gadab Hasaasaarraa cirracha fe’ee gara aanaa Nansabootti imalaa jiru Aanaa Dodolaa Magaalaa Seeroftaa irraa namoota 21 cirracha irratti fe’uun osoo imalaa jiru galagaluun balichi qaqqabeera jedha.
Balichi Aanaa Nansaboo Ganda Qotee Bulaa Hurroo bakka addaa Laga Ashawaa ykn Balaccuutti kan qaqqabe.
Balaan kun guyyaa kaleessaa halkan naannoo sa’aatii 4:00 tti kan qaqqabe yoo ta’u, balichaan lubbuun namoota 16 darbuu himaniiru.
Namoota balichaan lubbuun darbe keessaa 7 daa’imman akka ta’aan himaniru.
Namoota 5 irraa ammoo miidhaan qaama qaqqabuu ibsameera.
Namoonni balicharra lubbuun hafaniif deeggarsi yaalaa taasifamaa jiraachuus Saajin Ahimad ibsaniiru.
Sababni balaa kanaa ariitii oliin konkolaachisuu akka ta’es ibsameera.
Biqilaa Tufaatu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.