Godina Arsii lixaa aanaa Nagallee Arsiitti sirni baruu fi barsiisuu sirnaan hojiirraa oolaa jiraachuun himame
Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC) – Godina Arsii lixaa aanaa Nagallee Arsiitti sirni baruufi barsiisuu sirna hojiirraa olchaa jiraachuun himameera.
Bara barnoota 2014 aanichaatti barattootaa kumaa 60 olii barsiisuu kan karoorfatee yoo ta’uu hanga yoonatti barattootta kuma 58 olii galmeessuun barsiisaa jiraachuu itti gaafatamaan Waajjiraa Barnoota Aanaa Nagallee Arsii obbo Abdanee Kadir himaniiru.
Hojii galmee barattootta gaggeeffamaa tureen barattoonni 83 %ol ta’an galma’uun barnoota idilee hordofaa jiraachuus obbo Abdaneen FBCtti himaniiru
Aanichaa keesssatti manneen barnoota sadarka1ffaa 83 sadarkaa lammaffaa 6 adeemsaa baruu fi barsiisuu gaggeessaa jiraachus himaniiru.
Aanaa Arsii Nagalleetti haqinni Kitaabaa fi barsiisoota adeemsa baruu fi barsiisutti gufuu ta’uu, kan himan obbo Abdaneen, mootummaan deeggarsa akka taasisuuf gaafataniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.