Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaa aanaa Dodolaatti  balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 5 darbe

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)- Godina Arsii Lixaa aanaa Dodolaatti balaa  tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 5 battalatti darbeera.

Konkolaataan fe’uumsaa ‘ISUZU’ jedhamu Moosee maasiirraa fe’uun gara Shaashamannee osoo imaluu galagaluun balichi qaqqabeera.

Qindeessaa Divizhinii Too’annoo Nageenya Tiraafikaa Inispeektar Olaanaa godinichaa Gosee Dheekkoo, balaan kun aanaa Dodolaa Naannawa magaalaa Eddoo laga Biliqaa jedhamutti kan qaqqabee ta’uu himaniiru.

Ka’umsi balicha qoratamaa jiraatus iddoon konkolaataan kun itti garagale bakka irraa gadee hamaa qabu ta’uus himaniiru.

Namoonni lubbuun darbe hojjettoota guyyaa moosee fe’anii konkolaataa gubbaa yaabbatan yoo ta’u himaniiru.

Konkolaachisaa fi gargaaraan miidhaa qaamarra gaheen wal’aanamaa jiraachuu ragaan Kominikeeshii godina Arsii Lixaarra argame ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.